Proojaktiin ijaarsa nageenyaa Gujii fi Geedi’oo ifoome

Finfinnee, Amajjii 26, 2012 (FBC) – Proojaktiin ijaarsa nageenya ummattoota Godina Gujii Lixaa fi Godina Geedi’oo caalaatti cimsuuf gargaaru har’a Godina Geedi’oo, Magaalaa Diillaatti ifatti eegalameera.

Proojaktichi deggarsa ‘World Vision’ fi dhaabbileen deggartootaa taasisaniin kan hojjetamu yoo ta’u, ji’oota 18f kan turu ta’uun ibsameera.

Proajaktichi hojiilee nageenya mirkaneessuun gamatti hojiilee misoomaa adda addaarrattis hirmaachuun fedhii hawaasaa guutuuf xiyyeeffatee kan hojjetu ta’uunis ibsameera.

Negeenyi bu’uura waan hunda waan ta’eef aadaa nagaan waliin jireenyaa cimsuufi gabbisuun barbaachisaa akka ta’eefi walitti bu’iinsas dhiifama gachuun araara buusuun barbaachisaa ta’uun himameera.

Akkuma ibiddi bishaaniin dhaamu walitti bu’iinsa dhiifama gochuun nageenya mirkaneessuun barbaachisaa ta’uunis sirna baniisa proojaktichaarratti ibsameera.

Rakkoon nageenyaa ummattoota godinaalee Geedi’oo fi Gujii Lixaa gidduutti uumamee ture yeroo ammaa furamuun nageenyiifi tasgabbiin sadarkaa gaariirra akka jiruufi nageenyi waaraan akka mirkanaa’uuf hunduu dhimmamee hojjechuu qaba jedhameera.

Dhaabbata Preesii Ityoophiyaatu gabaase.

Comments (0)
Add Comment