Proojaktiin buufata rabsaa fi daddabarsa humna elektirikaa Yaaballoo hojii eegale

Finfinnee, Eebila 6, 2012 (FBC) – Abbaan Kiiloo Vooltii 132 Proojaktiin buufata rabsaa fi daddabarsa humna elektiriikii Yaaballoo xumuramuun hojii eegaluu isaa Humni Elektirikii Ityoohiyaa beeksiseera.
 
Buufanni rabsaa fi daddabrsa humna elektirikaa kun walii galtee Humna Elektiriikii Ityoophiyaa fi Tajaajila Elekiriikii Ityoophiyaan proojaktii hojjetameedha jedhame.
 
Traanisfoormarii abbaa Ampeerii meegaa voltii 20/25 tokko kan qabuu fi bu’uraalee misoomaa hunda kan guuttateedha jedhame.
 
Prookjaktiin kun hanqina humna elektirikii magaalaa Yaaballoo fi naannawaa ishee ni fura jedhamee kan eeggamu ta’uu ragaan Humna Elektiriikii Ityoophiyaarraa argame ni muul’isa.
 
Magaalaan Yaaballoo Finfinneerraa fageenyaa Kiiloo Meetira 565 irratti argamti.
Comments (0)
Add Comment