Proojaktii Zoonii Diinagdee Addaa Gadaa akkaataa milkeessuu danda’amurratti qooda fudhattoota waliin Magaalaa Finfinneetti mari’atame

Finfinnee, Muddee 24, 2013 (FBC) – Proojaktii Zoonii Diinagdee Addaa Gadaa akkaataa milkeessuu danda’amurratti qooda fudhattoota waliin Magaalaa Finfinneetti mari’atameera.
Kaayyoon marii kanaa waa’ee Zoonii Addaa Gadaa irratti qooda fudhattootaaf hubannoo uumuu fi qooda isaanii akka bahaaniif ta’uu ibsameera.
Mootummaa Naannoo Oromiyaa bakka bu’uun Waltajjicha haasawaan kan banana,komishinarri komishinii misooma diinagdee Oromiyaa Dooktar Tashooma Addunyaa muuxannoon biyyoota addunyaa akka agarsiisuutti Zoonii diinagdee uumuun guddina diinagdee isaanii utubaniiru.
Zooniin Diinagdee Addaa Gadaa Naannoo Oromiyaa keessatti hojjetamuus guddina diinagdee utubuu biradabruun akka Afriikaa Bahaattis ta’ee Ardii Afriikaattii kanfayyadu ta’uu ibsaniiru.
Akka OBN gabaasetti, Qooda fudhattoonni marichaatiis faayidaa Zooniin Diinagdee Addaa Gadaa biyyaaf qabu hubachuun gahee irraa eegamu akka bahaaniif dhaamaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment