Proojaktii maaddii biyyaaf deeggarsi Birriin miiliyoona 102 taasifame

Finfinnee, Hagayya 30, 2012 (FBC)- Hooggantonnii fi hojjeettonni Tajaajilaa Elektirikaa Ityoophiyaa waamicha misooma maaddiin biyyaaf jedhuu fudhachuun deeggarsa Birrii miiliyoona 102 kan ta’u miindaa baatii tokkoo kennaniiru.

Waamicha misoomaa mootummaan dhiyeesse fudhachuu fi deebii ariifata kennuun yeroo gabaaba keessaatti paarkii tokkummaa, Shaggar miidhaksuu, paarkii Inxooxxoo yeroo hin yaadamne keessaatti qulqulliina isaa eeggate hirmaanna olaanaan bu’aa isaa arguun danda’ameera jedha.

Bara kanas hojii misoomarratti hirmaachuuf ijaarsa proojaktii Gorgoraa, Wancii fi Kooyshaaf hojirraa olchuuf waamichi dhiyaachuu ni yaadatama.

Dhaabbatichi deeggarsa maallaqaa qofa osoo hin taanee ijaarsa paarkii tokkuummaa, Shaggaar miidhaksuu fi paarkii Inxooxxoo irratti deeggarsa ogummaa taasisun shooraa olaanaa bahaa akka turee ibsameera.

Yeroo itti anuufis dhaabbatichi proojaktii Gorgoraa, Wancii fi Kooyshaaf ijaarruurratti shooraa isaa akka ba’uu ragaan Tajaajilaa Elektirikaa Ityoophiyaarra arganne ni muuldhisa.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Comments (0)
Add Comment