Proofeesar Mararaa Guddinaa Dura ta’aa, obbo Baqqalaa Garbaa fi obbo Jawaar Mohaammad ammoo Itti Aanaa Dura taa’aa Paartii Kongiresii Federaalawaa Oromoo ta’uun filataman

Finfinnee, Bitootessa 17, 2014 (FBC) – Paartiin Kongiresii Federaalawaa Oromoo Proofeesar Mararaa Guddinaa Dura ta’aa, obbo Baqqalaa Garbaa fi obbo Jawaar Mohaammad ammoo Itti Aanaa Dura taa’aa taasiisuun filateera.

Paartichi kora sabaa 2ffaa gaaggeessaa jiruun Proofeesar Mararaa Guddinaa irra deebiin dura taa’aa paartichaa taasiisuun yoo filatu, Obbo Baqqalaa Garbaa dursaa itti aanaa dura taa’aa, obbo Jawaar Mohaammad itti aanaa dura taa’aa gochuun filateera.

Namoonni 16 biroon ammoo miseensota koree hoji raawwachiiftuu paartichaa ta’uun filatamaniiru.

Dura ta’aa fi itti aanaa dursaa KFO Proofeesar Mararaa Guddinaa fi obbo Baqqalaa Garbaan namoota 17 koree hojii raawwachiiftuu paartichaa ta’uun akka tajaajilaniif filatanii koreen giddu galeessa akka raggasisuuf dhiyeessaniiru.

Koreen giddu galeessaa KFO kaadhimamtoota dhiyaatan keessaa obbo Jawaar Mohammad itti aanaa dura ta’aa, namoota hafan 16 ammoo miseensota koree hoji raawwachiiftuutti taasiisuun sagalee guutuun raggaaseera.

Koreen Hoji raawwachiiftuu filataman kunniin, namoota kana dura qabsoo Oromoo keessatti muuxannoo gaggeessummaa guddaa qaban ta’uu geggeessitoonni paartichaa waltajjiirratti himaniiru.

Namoota geggeessitoota dhaabichaan kaadhimamanis, obbo Jawaar Mohammad, Dajanee xaafaa, Mulaatuu Gammachuu, Fiqaaduu Baanjaa, Shamsaddiin Zeenuu, Gurmeessaa Ayyaanoo, Maammad Abdullah, Amaan kanniisoo, Anuhar saanii, Sulxaan Gannaa, Mootii Begii, Haamzaa Adaaneefi Aadde Hirowaaq Girmaati.

Korri sabaa 2ffaa KFO guyyaa boriis kan itti fufu yoo ta’u, yaa’iisaa xumuraa guyyaa borii adeemsisuun egeree qabsoo dhaabichaa ilaalchisee murtii ni dabarsa jedhamee eegama.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment