Projaktoonni ijaarsa qajeelfama bakka hojii vaayrasii koroonaarra ittisuu danda’u hojiirra oolchufi

Finfinnee, Eebila 13, 2012 (FBC)-  Projaktoonni ijaarsa qajeelfama bakka hojii vaayrasii koroonaarra ittisuu danda’u hojiirra oolchufi.

Ministeerri Misooma Magaalaa fi Konistiraakshinii Projaktoonni ijaarsa qajeelfama bakka hojii vaayrasii koroonaarra ittisuu danda’u hojiirra oolchufi akka ta’e beeksise.

Ministeerri Misooma Magaalaa fi Konistiraakshinii ibsa guyyaa har’aa lateen, qajeelfamichi vaayrasiin koroonaa bakkewwan ijaarsaarratti lammiilee hojjetanirratti miidhaa akka hin qaqqabsiifnee fi tattamsa’ina vaayrasichaa dursanii ittisuu fi to’achuuf kan dandeesisudha jedheera.

Bu’uuruma qajeelfamichaan hojjechisaan kamuu bakkeewwan hojiii nageenya hojjetaa, fayyummaa akkasumaas hawaasaa fi naannoorra miidhaan aka hin geenyee taasisuu qaba.

Bu’uuruma kanaan;

1.Bakkee ijaarsa kamittu nageenyaa fi fayyaa hojjetaa  kan hordofu ogeessa fayyaa ramaduu.

2.Yeroo seensaa fi bahinsa hojjettoota ogeessoota fayyaan hojiin hubannoon laachuu akka raawwatamu.

  1. Hojjettootan ala bakkee ijaarsa namni kamuu akka hin lixne taasisu; dhimma barbaachisoo yoo ta’ee fi eeyyama yoo qabaaten ala.

4.Hojjettoonni guyyatti yoo xiqqaate si’a 3 ho’insa isaani ilaalamuu qabu.

  1. Meeshaalee ijaarsaaf oolaan qixaan fayyadamuu fi wayita fayydaman keemikalaan qulqulleessu.

6.Hojjettoonni ijaarsa yoo danda’ame konkolaata ijaarsichaa fayyadamuu.

7.Bakkeewwan ijaarsarratti meshaalee qulquullinaa haguuggi harkaa(Guunt) fi haguugguu afaanii fi funyaanii akka dhiyaatu.

 

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa

Comments (0)
Add Comment