Projaktiin qarqara laga Awweetuu k Birrii miliyoona 600 caaluun hojjeetamuuf kontiraaktaroota sadii fi bulchiinsa magaalaa Jimmaa jidduutti waliigalteen mallattaa’e

Finfinnee, Muddee 19, 2013 (FBC) – Projaktiin qarqara laga Awweetuu k Birrii miliyoona 600 caaluun hojjeetamuuf kontiraaktaroota sadii fi bulchiinsa magaalaa Jimmaa jidduutti waliigalteen mallattaa’e.
Projaktiin kun sadarkaa raawwii sadiin kan hojjetamu yoo ta’u, bara kana Birrii miliyoona 100 fi miliyoona 46n ji’oota 7n dhufanitti kan xumuraman ta’a.
Projaktiin kun bishaan qulqulleessaa, riqicha gara garaa, daandii miillaa, manneen fincaanii, mana kitaabaa, dunkaana meeshaalee qinxaaboo, oolmaa dargaggootaa, magariisummaa of keessatti qabata jedhameera.
Akka Wajjirri Dhimmoota Kominikeeshinii Bulchiinsa Magaalaa Jimmaa beekiseetti, Kantiibaan Magaalaa Jimmaa obbo Tijjaanii Naasir wal kontiraakteroota waliin erga waliigaltee mallateessani booda dhaamsa dabarasaniin,projaktiin kun miidhagina magaalaa Jimmaa dabaluu biratti, hawwata tuurizimii guddaa ta’a jedhan.
Kanaaf, Aweetuun guddina Magaalaa Jimmaa ol kaasa, Carraa hojii ummata Magaalaa uuma akkasuma giddu gala bashananaa Magaalota oromiyaa isa jalqabati jedhan obbo Tijjaan.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment