Priimeyar Liigiin Ityoophiyaa tapha magaalan Dirree Dawaa magaalaan Sabbataa waliin taasiseen guyyaa har’aa eegaleera

Finfinnee, Muddee 3, 2013 (FBC) –Priimeyar Liigiin Ityoophiyaa tapha magaalan Dirree Dawaa magaalaan Sabbataa waliin taasiseen guyyaa har’aa eegaleera.
Tapha Istaadiyoomii Finfinneetti gaggeeffameen Dirree dawaan magaalaa sabbataa galchii malee adda ba’aniiru.
Bu’uuruma sagantaa baheen sa’aati 9:00 irratti Qiddus Giyoorgiis Faasil waliin ni taphata.
Guyyaa boruu sa’aatii 4:00tti Bunni Ityoophiyaa magaalaa Walqixxee waliin kan taphatu ta’a.
Haaluma walfakkatuun, boruu waaree booda magaalan Jimmaa Magaalaa Adaamaa waliin Istaadiyoomii Finfinneetti ni taphatu.
Akkasumaas, Wiixata sa’aatii 4:00tti Walaayittaa diicha Hadiyyaa Hoosaa’inaa, sa’aatii 9:00tti ammoo magaalaan Bahiir Dar Buna Sidaamaa waliin ni taphata.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment