Preezdantiin Maalii haaraan kan mootummaa ce’umsaa Baah Ndaaw waadaa galuun aangoo fudhatan

Finfinnee, Fulbaana 15, 2013 (FBC) – Preezdantiin Maalii haaraan kan mootummaa ce’umsaa Baah Ndaaw waadaa galuun aangoo fudhatan.

Maaliin preezdantii ishee duraanii Buubakar Keeyitaa humna waraanaan aangoorraa erga fonqolchite torbee shan booda preezdantii mootummaa ce’umsaa kan qaama waraanaa keessaa hin taane filatte.

Maanguddoon gannaa 70 fi Ministirri ittisaa duraanii Baah Ndaaw kan filataman waraana Keeyitaa aangoorraa buqqise kan hoogganan Koloneel Assiimiii Goo’iitaatiini.

Ndaawaan ji’oota 18 booda hanga filannoon biyyattii ni gaggeefama jedhamu raawwatamutti mootummaa ce’umsaa biyyattii hoogganu.

Koloneel Go’iitaan ammoo itti aanaa hoogganaa mootummaa ce’umsaa ta’aniiru.

Preezdantii mootummaa ce’uumsaa kan siiviilii muuduun waldaan diinagdee fi hawaasummaa biyyoota Lixa Afrikaa Ecowas, qoqqobbii finqolchaa booda biyyattiirra kaahe kaasuuf haalduree jalqabaa lafa kaahe turedha.

Maddi:- BBC

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

Comments (0)
Add Comment