Preezdantiin Afrikaa Kibbaa siidaan appaartaayidiif dhaabame akka buqqifamu ajajan

Finfinnee, Fulbaana 15,2013 (FBC)- Preezdantiin Afrikaa Kibbaa siidaan appaartaayidiif dhaabame akka buqqifamu ajajan

Preezdantiin Afrikaa Kibbaa Siiyiriil Ramafoosaan biyyasaanitti siidaan sirna appaartaayidii ol qabanii leellisuuf dhaabame akka buqqa’u ajaja dabarsan.

‘’Mallattoon,siidaan ykn gochii qoodinsa sanyummaa biyyattii keessa ture leellisu, dimokirasii Afrikaa Kibbaa keessatti iddoo hin argatu’’ jedhan Ramafoosaan.

“Siidaan sirna addaan nu qoqqoode ol kaasee agarsiisuuf dhaabame buqqa’ee iddoo biratti darbarfamu qaba’’ jedhan kaleessa guyyaan heddummina aadaa biyyatti wayita ayyaaneffatamaa turetti kana dubbatan.

Ramafoosaan siidaan kun buqqifamuun akka seenaa haquutti hin ilaalamu ,uummata biyyatti hundii jiruu keessa darbe keessatti kan yaadatamu jedhan.

Kana buqqisuu keenyaattiis dhiifama hin gaafannuu,sababni isaammoo kaayyoon keenya biyya tokkummaa qabdu ijaaruudha’’jedhan.

Duulli siidaan namoota sirna appartaayidii keessatti beekamanii akka buqqa’uu guddachaa dhufeera, keessattuu lammilee gurraachotni biyyatti akka buqqa’u barbaadu.

Madii:- BBC

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa

Comments (0)
Add Comment