Preezdaantoonni Mootummoota Naannoolee Abbootii Gadaa Oromoorraa Eeboofi Gaachaana badhaafaman

Finfinnee, Fulbaana 22, 2013 (FBC) – Preezdaantoonni Mootummoota Naannoolee Somaalee, Beenishaangul Gumuuz, Saboota Sablamootafi Ummattoota Kibbaa , Hararii,bakka bu’aa Naannoo Sidaamaa ,Abbootii Gadaa Oromoorraa Eeboofi Gaachaana badhaafamaniiru.

Preezdaantiin Naannoo Somaalee obbo Musxafee Umar Mahaammad ergaa darbarsaniin Irreechi tokkummaa fi jaalala ta’e kun jajjabeeffamuu qaba jedhan.

Akkasumas Irreechi tokkummaa biyyaa jabeessuu keessatti gahee olaanaa qabas jedhaniiru.

Ayyaanni kun yeroo obbolummaan ummattoota Somaalee fi Oromoo cimetti kabajamuun adda isa taasisa jedhan.

Preezdaantiin Naannoo Saboota, Sablammootaa fi Ummatoota Kibbaa obbo Ristuu Yirdaawu Irreechi ayyaana waloo keenyaa ittiin boonna jedhan.

Duudhaalee Irreecha keessatti argamanitti fayyadamuun badhaadhina hawwinu fiduu dandeenys jedhan.

Sirni Gadaafi Irreechi kan Oromoo qofa osoo hin taane kan Ummattoota Itiyoophiyaa maraati. Sochii Irreecha ‘UNESCO’ tti galmeessuuf taasifamu hunda ni deeggarras jedhan.

Pireezedaantiin Mootummaa Naannoo Hararii obbo Odrii Badrii gama isaaniitiin guyyaa har’aa hubannoo waa’ee Irreechaa arganne jirra jedhanii,Irreechi dhiifama, jaalalaafi tokkummaa akka ta’es himaniiru.

Qorannoon dhiyaates kana kan nu hubachiise ta’uufii duudhaalee irreechaafi Sirna Gadaa keessa jiru guddisuufi itti fayyadamuun barbaachisaa akka ta’es himan.

Akkasumas Mootummaan hojii qorannoo fi qo’annoo hojjetamu cimsuu qaba jedhan.

Hojii Irreecha ‘UNESCO’ tti galmeessuu mootummaan Naannoo Oromiyaa hojjechaa jiru kan deeggaran ta’uus himaniiru.

Pireezedaantiin Mootummaa Naannoo Sidaamaa bakka bu’uun sirna kanarratti kan hirmaatan gama isaaniitiin Irreechiifi Sirni Gadaa akka har’a gahu kan taasisan haala rakkisaa keessatti Abbootii Gadaati waan ta’eef galateeffachuu qabna jedhaniiru.

Akka Sidaamaatti Irreecha bara darbe eegallee jirra.kana cimsinee itti fufna jedhan.

Galmee Irreechaa ‘UNESCO’ tti galmeessuuf taasifamuu kan deeggaran ta’us dubbatan.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Comments (0)
Add Comment