Preezdaantonni  naannolee garaagaraa ergaa baga gammaddanii dabarsan

Finfinnee, Gurraandhala 13, 2014 (FBC) – Preezdaantonni naannolee garaagaraa hidhi haaromsa guddichaa anniisaa elektirikaa maddisiisuu eegaluu ilaalchisee ergaa baga gammaddanii dabarsaniiru.

Preezdaantiin mootummaa naannoo uummattoota Kibbaa obbo Ristuu Yirdaa ergaa dabarsaniin hidhi haaromsaa guddichi dafqa uummata keenyaan kan ijaarame muummee ifa Afrikaati jedhaniiru.

Uummanni naannichaa  osoo irraa hin hafiin sabbatasaarraa hiikee proojektii kana  dhugoomsuuf ga’ee ba’ateef maqaa koo fi maqaa mootummaa naannichaan nan galateeffadha jedhan.

Tokkummaa keenya yoo cimsinee fi yoo wal tumsine hiyyummaan seenaa ta’a jedhan.

Preezdaantiin naannoo Beenishaangul Gumuz obbo Ashaadilii Hasan gamasaniin hidhi haaromsi guddichi anniisaa elektirikaa maddisiisuu eegaluusaatiin gammachuun naannoo keenyatti dhaga’ame kan Ityoophiyaa ta’uu fi milkaa’ina isaatiif ergaa baga gammaddanii dabarsaniiru.

Milkaa’inni isaa rakkoolee akka biyyaatti nu mudatan ceenee biyya fooyyoftuu ijaaruu akka dandeenyuu qabatamaan kan mul’isedha jedhan.

Milkaa’ina hidha haaromsaa guddichaarratti galmeessisne dameewwan garaagaraarratti dabaluu qabna jechuun ergaa dabarsaniiru.

Ityoophiyaa :-  Haa Misoomsinu,  Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment