Preezdaantonni naannolee Amaaraa fi Beenishaangul Gumuz haala yeroorratti waliin mari’atan

Finfinnee, Gurraandhala 2, 2014 (FBC) – Preezdaantiin naannoo Amaaraa Dookatr Yiliqaal Kaffaalaa fi Preezdaantiin naannoo Beenishaangul Gumuz Obbo Ashaadiilii Hasan haala yeroorratti waliin mari’atan.

Uummanni naannolee Beenishaangul Gumuzii fi Amaaraa waggoottan darbanitti fayyadamummaa nageenyaa fi misooma waloo mirkaneessuuf hojiilee gama maraa hojjechaa turuu Obbo Ashaadiiliin ibsaniiru.

Fuuldurattis hariiroo obbolummaa fi waliin jireenyaa uummata lameenii waggoota dheeraaf ture daran cimsuun fayyadamummaa nageenyaa fi misoomaa waloo guddisuuf kan hojjetamu ta’uu kaasaniiru.

Preezdaantiin naannoo Amaaraa Dooktar Yiliqaal Kaffaalaan gamasaaniin, rakkoo nageenyaa godina Matakkalitti uumame furuu fi bakkichatti nageenyaa fi misooma waaraa mirkaneessuuf humnoonni nageenyaa qindoominaan wareegama kaffalaa jiraniif galateeffataniiru.

Qormaatilee akka biyyaattii fi akka naannootti nu mudatan walitti dhiyeenyaan waliin hojjechuun rakkoolee kanneen keessaa injifannoon ba’uu qabna jechuu isaanii ragaan Biiroo Kominikeeshinii naannoo Beenishaangul Gumuzirraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa :-  Haa Misoomsinu,  Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment