Preezdaantiin Taanzaaniyaa duraanii Beenjaamiin Mikaappaan boqotan

Finfinnee, Adoolessa 17, 2012 (FBC) – Preezdaantiin Taanzaaniyaa duraanii Beenjaamiin Mikaappaan addunyaa kanarraa du’aan boqotan.
 
Mikaappaan umrii waggaa 81ffaa isaaniitti addunyaa kanarraa du’aan boqachuu isaanii mootummaan biyyattii beeksise.
 
Du’a isaanii hordofuun Preezdaantiin biyyattii Maagfaaliin guyyoota 7f gadda biyyaalessaa labsaniiru.
 
Mikaappaan sababa maaliin lubbuun isaanii akka darbe wanti ibsame hin jiru.
 
Beenjaamiin Mikaappaan bara Faranjootaa 1995 – 2005tti Preezdaantii Taanzaaniyaa ta’uun tajaajilaniiru.
 
Mikaappaan Preezdaantii 3ffaa Taanzaaniyaa turan.
 
Maddi:-BBC
Comments (0)
Add Comment