Preezdaantiin Soomaaliyaa Mohaammad Abdullaahiin Eertiraa daawwachaa jiru

Finfinnee, Amajjii 1, 2012 (FBC) – Preezdaantiin Soomaaliyaa Mohaammad Abdullaahiin Eertiraatti daawwannaa hojii taasisaa jiru.

Preezdaant Mohaammad guyyaa har’aa daawwannaa hojii guyyaa lamaaf magaala Asmaraa yeroo ga’an Preezdaantiin Eertiraa Isaayyaas Afawarqii simannaa godhaniifii jiru.

Mohaammad Abdullaahiin Preezdaant Isaayyas Afawarqii waliin dhimmoota waloo irratti marii taasisaniiru.

Preezdaantoonni lamaan dhimmoota naannichaa irrattis marii taasiisuu isaanii Ministirri Beeksisaa Eertiraa obbo Yemaana Gabramasqal fuula Twiitarii isaaniin ibsaniiru.

Waliigaltee michummaa fi walitti hidhamiinsaa baatii Adooleessaa bara 2011 erga waliif mallatteessanii boodaa hariiroon biyyoota lamaanii gama hundaan bu’aa gaarii argamsiisaa jiraachuu marii isaanii keessatti ibsameera.

Dabalataan walii galteen walitti hidhamiinsa sadee Ityoophiyaa, Eertira fi Soomaaliyaan waliif mallatteesan haal gaarii irratti argamuu isaa kaasaniiru.

Yeroo itti aanuus dhimmoota Diinagdee, Nageenyaa, fi bu’uraalee misoomaa irratti walitti hidhamiinsaan haala hojjechuun danda’amu irratti mari’ataniiru

 

Comments (0)
Add Comment