Preezdaantiin Somaaliyaa Farmaajoon Muummee Ministiraa Roobleen hojiirraa dhorkan

Finfinnee, Muddee 18, 2014 (FBC) – Preezdaantiin Somaaliyaa Mohaammad Farmaajoon Muummee Ministiraa biyyattii Mohaammad Huseen Roobleen lafa ummataa faayidaa dhuunfaaf oolchuu fi raawwii hojii gadi aanaa wayita filannoo agarsiisaniin hojiirraa dhorkaniiru.
Miseensonni Kaabinee hafan hojii idilee isaanii akka itti fufan ajejaniiru.
Preezdaant Farmaajoon ibsa masaraa mootummaa laataniin Muummeen Ministiraa biyyattii Mohaammad Huseen Roobleen qabeenya Raayyaa Ittisaa kan ta’e lafa Moqaadishoo naannoo galaana Liidootti faayidaa dhuunfaaf oolchan jechuun hojiirraa dhorkuu isaanii ibsameera.
Aanga’oonni mootummaa kamiiyyuu gochaa akka kanaarraa of qusachuu akka qaban Preezdaant Faarmaajoon akeekkachiisuu Neeshin gabaaseera.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment