Preezdaantiin Soomaaliyaa daawwanna hojiif Asmaraa galan

Finfinnee, Amajjii 18, 2012 (FBC) – Preezdaantiin Soomaaliyaa Mahaammad Abdulaahii Mahaammad daawwannaa hojiif Asmaraa galaniiru.

Wayita Preezdaantichi Asmaraa ga’anitti Preezdaantiin Eertiraa Isaayyas Afawarqii simannaa taasisaniirufi.

Preezdaantichi hoggantoota Ityoophiyaa fi Eertiraa waliin akka mari’atan Ministirri Beeksisaa Eertiraa  obbo Yamaanee Gabramasqal fuula Twuutera isaaniin ibsaniiru.

Hoggantoonni kunneen hariiroo biyyootaa fi dhimmoota naannicharratti ni mari’atu jedhameera.

Muummeen Ministira FDRI Dooktar Abiy Ahimad guyyaa kaleessa daawwanaa hojiif Asmaraa galuun isaanii ni yaadatama.

 

Comments (0)
Add Comment