Preezdaantiin Seeneegaal Maakii Saal Wiixatni har’a biyyasaaniitti ayyaana injifannoo akka ta’u murteessan

Finfinnee, Amajjii 30, 2014  (FBC)- Preezdaantiin Seeneegaal Maakii Saal Wiixatni har’a biyyasaaniitti ayyaana injifannoo akka ta’u murteessaniiru.

Preezdaantiichi gareen biyyoolessaa biyyatti seenaa keessaatti yeroo jalqabaaf  Waancaa Afrikaa injifachuu hordofee injifannicha kabajuuf Wiixatni har’a ayyaana biyyoolessaa akka ta’u murteessaniiru.

Tapha xumuraa Waancaa Afrikaa 33ffaa Seeneegaalii fi Ijipti gidduutti gaggeeffameen Seeneegaal Ijipti rukkuttaa adda bahiinsan injifachuun yeroo jalqabaaf shaampiyoonaa Waancaa Afrikaa taateerti.

Yaa’ii hoggantoota Gamtaa Afrikaa irratti hirmaachuuf Finfinnee kan turan Preezdaantiin biyyatti Maakii Saal Yaa’ii guyyaan har’a biyyichatti ayyaana injifannoo akka ta’uu murteessuu isaanii teeleevziinii biyyatti beeksiseera.

Dura Ta’aan haara Gamtaa Afrikaa Maakii Saal turti Ityoophiyaatti taasisaan xumuruun gara biyyaasaanii deebi’uu Afrikaa Newuus gabaaseera.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

Comments (0)
Add Comment