Finfinnee, Fulbaana 23, 2014 (FBC) – Preezdaantiin Seeneegaal Maakii Saal hundeeffama mootummaa Ityoophiyaa guyyaa boruun gaggeeffamurratti hirmaachuuf Finfinnee galaniiru.
Preezdaant Maakii Saal wayita Buufata xiyyaaraa Boolee ga’an Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad simannaa hoo’aa taasiisaniifiru.
Sirna simannaa kanaratti Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy dabalatee Ministirri Ministeera Maallaqaa obbo Ahimad Shiidee, ministira ministeera Dhimma Hojjetaa fi Hawaasummaa Dooktar Ergoogee Tasfasyee Ministirri Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaa, Ministirri Innooveeshinii fi Teeknooloojii Dooktar Abrahaam Balaay, Ministir Deettaa Ministeera Alaa Burtukaan Ayyaanoo fi Ambaasaaddar Reediwaan Huseen argamaniiru jedhame.
Leyikuun Alamtu gabaasee.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.