Preezdaantiin Paartii Badhaadhinaa Dooktar Abiy mallattoo dorgommii Filannoo ifoomsaan

Finfinnee, Gurraandhala 8, 2013 (FBC) – Waltajjiin Paartii Badhaadhinaa mata duree ‘sabdaneessummaa obbolummaa Badhaadhina waloof’ jedhuun Sharaatan Addisitti gaggeeffameera.
Preezdaantiin Paartii Badhaadhinaa Dooktar Abiy Ahimad sagantichaarratti argamuun Maaniifeestoo fi mallattoo dorgammii Filannoo paartichaa ifoomsaniiru.
Waltajjichaan haala biyyaalessaa fi idil addunyaa gadi fageenyaan gamaaggamuun dhimmoota siyaasaa, diinagdee fi hawaasummaa biyya balaarra buusuu danda’an adda baasuun kallattiin furmaataa ni kaa’ama jedhan itti gaafaatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa obbo Binnaalfi Andu’aaleem.
Paartiin Badhaadhinaa Paartii qaama hunda walqixa hammate paartii dhaloota boruu ta’uu ibsaniiru.
Waltajjichaarratti Preezdaantii Paartii Badhaadhinaa Dooktar Abiy Ahimad dabalatee hoggannoonni mootummaa olaanoon Federaalaa fi naannolee argamaniiru jedhame.
Alaazar Taaddaleetu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Appilikeeshinii Faanaa Broodkaastiing Koorporeet https://play.google.com/store/apps/details… bilbila sochootuu keessanirratti fe’achuudhan Televiizhinii Faanaa, FM Finfinnee 98.1 fi Raadiyoo Biyyoolessaa hordofaa.
Viidiyoowwanis daawwadhaa.
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment