Preezdaantiin Mana Murtii Waliigalaa Ma’aazaa Ashannaafiin hojii raawwachiistuu Imbaasii Ameerikaa waliin mari’atan

Finfinnee, Eebila 4, 2014 (FBC) – Preezdaantiin Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Ma’aazaa Ashannaafiin hojii raawwachiistuu Imbaasii Ameerikaa Ambaasaaddar Treesii An Jaakoobsan waliin dhimmoota deeggarsaarratti mari’ataniiru.

Ambaasaaddar Treesii An Jaakoobsan mana murtichaatti argamuun daawwannaa taasisaniin deeggarsa gama dhaabbata gargaarsa Ameerikaan Mana Murtii Waliigalaa Federaalaaf taasifamurratti mari’achuu ibsameera.

Deeggarsichi sirna haqaa fooyyessuu fi hojiilee riifoormii manni murtichaa waggoottan lamaan darbanitti hojjechaa ture deeggaruuf kan oolu ta’uu ragaan miidiyaa hawaasummaa isaaniirraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment