Preezdaantiin Maalii Buubaakaar Kiiyyeettaan erga loltootaan too’annoo jala oolanii aangoo gadhiisuu isaanii beeksisan

Finfinnee, Hagayyaa 13, 2012 (FBC) – Preezdaantiin Maalii Ibraahiim Buubaakaar Kiiyyeettaan erga humna waraanaan too’annoo jala oolanii aangoo gadi dhiisuu isaanii ifoomsan.

Preezdaant Ibraahiim Buubaakaar Kiiyyeettaan humna waraanaan too’annoo jala erga oolanii buufata Teeleeviizhiinii biyyattiin aangoo gadi dhiisuu isaanii fi paarlaamaan biyyattii bittinaa’uu ifoomsaniiru.

Biyyattiitti rakkoo nageenyaa fi dhimma malaamaltummaan mormiin olaanaan kan isaan quunname preezdaanitchi loltoota biyyattiin naannoo mana jireenyaa isaaniitti too’annoo jala erga oolanii aangoo gadhiisuu beeksisaniiru.

‘Ani aangoorra turuu koon dhiigni dhangala’uu hin qabu’ jechuun ergaa dabarsianiiru.

Muummeen Ministiraa biyyattii Buubbuu Siisee fi Preezdaant Ibraahiim Buubaakaar Kiiyyeettaan too’annoo jala erga oolanii booda gara buufata waraanaa magaalaa guddittii biyyattiitti argamutti fudhatamuu isaanii ibsameera.

Loltoonni aanga’oota kanneen too’annoo jala oolchan aangoo qabachuuf fedhii kan hin qabne ta’uu ibsuun, nageenya biyyattii tasgabbeessuuf kan hojjetan akka ta’e dubbataniiru.

Yaa ta’uutii tarkaaffii fudhataniif gamtaa Afrikaa, Faransaayii fi biyyoota ollaarraa mormii cimaan isaan muudateera.

Maddi :- BBC

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

Comments (0)
Add Comment