Preezdaantiin Gaanaa Naanaa Akufoo Adoo yeroo 2ffaaf filannoo injifatan

Finfinnee, Muddee 1, 2013 (FBC) – Preezdaantiin Gaanaa Naanaa Akufoo Adoo yeroo 2ffaaf filannoo injifachuu komishiniin Filannoo biyyattii beeksise.
Naanaa Akufoo Adoon dabalataan waggoota afuriif aangorra turuu isaanii mirkaneeffataaniiru.
Maanguddoon umrii waggaa 76 Akufoo Adoon sagalee %51.6 argachuun injifataniiru.
Morkataan isaanii fi hogganaan Koongirasii Demookraatawaa Biyyaaleessa Joon Maahaammaan sagalee % 47.4 argachuu isaanii itti gaafatamaan Komishinii Filannoo biyyattii Jeen Meensaan beeksisaniiru.
Waliigala filannoo gaggeeffamerratti filattoonni miiliyoonni 17 buufataalee filannoo kuma 38 irratti sagalee laachuu ibsameera.
Maddi:-CGTN
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment