Preezdaantiin FDRI Saahilawarq Zawdeen, xalayaa muudamaa ambaasaaddaroota biyyoota shanii of harkaan ga’an

Ambaasaaddaroonni xalayaa muudamaa isaanii preezdaant Saahilawarq harkaan ga’an, ambaasaaddara Sriilaankaa, Aljeeriyaa, Vaatikaan, Uraagwaayii fi Kooriyaa Kaabaati.

Preezdaant Saahilawarq ambaasaaddaroonni kanneenii hariiroo biyyoonni isaanii Ityoophiyaa waliin qaban akka cimsan gaafatanii, bara hojii gaarii hawwaniiru.

Comments (0)
Add Comment