Preezdaantiin Chaayinaa Shii Jiinpiing ergaa baga geessanii Yaa’ii hoggantoota Gamtaa Afrikaa 35ffaa dabarsan

Finfinnee, Amajjii 29, 2014 (FBC) – Preezdaantiin Chaayinaa Shii Jiinpiing ergaa baga geessanii Yaa’ii hoggantoota Gamtaa Afrikaa 35ffaa dabarsaniiru.

Gamtichi erga hundaa’ee waggoota digdaman darban keessatti misoomni Afrikaa akka mirkanaa’u, walitti hidhamiinsa Ardichaa cimsuu fi weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf murannoo qabu agarsiisuu kaasaniiru.

Nageenyaa, Tasgabbii fi misooma ardichaa mirkaneessuuf akkasumas Afrikaan sadarkaa idil addunyaatti dhiibbaa uumuu akka dandeessu hojiilee hojjetamuu qaban hojjechuurratti Murannoon kun muul’achuu akka qabu himaniiru.

Sagantaan kun muul’ata hawaasa waloo Afrikaa Chaayinaa uumuuf qooda olaanaa qabaachuu dubbataniiru.

Chaayinaan Sagantaa Yaa’ii Ministirootan qophaa’e Afrikaanoota waliin hojiitti hiikuuf qophii ta’uu ibsaniiru.

Karoora Ajandaa misooma Afrikaa 2063 waloon milkaneessuuf Chaayinaan kan hojjettu ta’uu mirkaneessaniiru.

Maddi :- TOI

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment