Preezdaantiin Afrikaa Kibbaa seera Viizaa lammiileen alaa biyyattii keessatti argaman akka ba’an taasiisu raggaasiisan

Finfinnee, Gurraandhala 5, 2014 (FBC) – Preezdaantiin Afrikaa Kibbaa Siiriil Raamaafoosaan biyyattiitti seera Viizaa ga’umsarratti qofa hundaa’uun hojii akka argatan ajeju raggaasiisaniiru.

Preezdaantichi seera Viizaa ga’umsarratti hundaa’uun hojii laachuu danda’u raggaasiisuu hordofee lammiilee biyyoota alaa biyyattii keessatti argaman hedduun biyyattii gadi lakkisanii akka ba’an taasisa jedhamera.

Keessattuu gitoonni hojii akka keessummeessituu, daldalawwan xixiqqaa, suuqii, indaastirii miidhaginaa fi fayyaa dabalatee lammiilee alaan qabamanii jiran lammiilee Afrikaa Kibbaa qofaaf akka hafan taasiisa jedhameera.

Afrikaa Kibbaatti lammiileen biyyoota alaa miiliyoona 3 ol ta’an sanada quubsaa malee karaa seeraa alaan hojjechaa jiraachuu ibsameera.

Adeemsi kun lammiilee biyyattii hojii keessaa dhiibaa akka jiruutti ilaallamaa jiraachuu himameera.

Jilli Daayreektara jeneraalaa Dhimmoota biyya keessaa duraanii biyyatti Maavuusoo Misoimaangiin durfamu sirna viizaa kana gamaaggamaa jiraachuu ibsameera.

Seera Viizaa kanaan lammiilee kuma dhibba 2 ol Afrikaa Kibbaa keessaa kan qabdu Zimbabuween adda duraan kan miidhamtu ta’uu eerameera.

Akkaataa seera Viizaa kanaan lammiileen biyyoota alaa hanga xumura bara Faranjootaa 2022tti qofa Afrikaa Kibbaa keessa turu jechuun News 24 gabaaseera.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment