Preezdaantiin Afrikaa Kibbaa Dooktar Abiy jila gamtaa Afrikaa simachuun dubbisuu isaaniif galateeffatan

Finfinnee, Sadaasa 19, 2013 (FBC) – Preezdaantiin Afrikaa Kibbaa Siiriil Raamaafoosaan Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad jila gamtaa Afrikaa simachuun dubbisuu isaaniif galateeffataniiru.

Gamtaan Afrikaa Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad jila gamtaa Afrikaa simachuun dubbisuu isaanii hordofee ibsa laateera.

Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad jila gamtaa Afrikaa Preezdaantii duraanii Laaybeeriyaa Eelan Joonsan Sarliif, preezdaantii duraanii Moozaambiik Joo’aakiim Chiisaanoo fi Preezdaantii Afrikaa Kibbaa duraanii Kiigaaleemaa Mootlaantee of keessatti hammate kaleessa simachuun dubbisuun isaanii kan yaadatamuudha.

Jilichaaf duula olaantummaa seeraa kabachiisuu naannoo Tigraayitti fudhatamaa jiru ilaalchisee ibsi laatamuu himameera.

Hojiin olaantummaa seeraa kabachiisuu gaggeeffamaa jiru yeroo gabaabaa keessatti  kan xumuramu ta’uu jilichaaf ibsamuu eerrameera.

Naannichatti lammiilee buqqa’an deebisanii dhaabuu fi deeggarsa namoomaa qindeessuuf koreen hundaa’ee hojjechaa jiraachuu jilichaaf ibsi laatamu himameera.

Lammiilee qa’ee fi qabeenya isaanirraa buqqa’uun baqatan simachuun deebisanii dhaabuuf iddoon tursaa 4 qophaa’uu jila gamtaa Afrikaa kanaaf ibsi taasiisameera.

Jilli kun Preezdaantii FDRI Sahilawarq Zawdee fi hoggantoota bulchiinsa yeroo naannoo Tigraay waliin mari’achuu ibsichi eereera.

Maricha ilaalchisee duraa taa’aan yeroo gamtaa Afrikaa fi preezdaantiin Afrikaa Kibbaa Siiriil Raamaafoosaan Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad jilicha simachuun dubbisuu isaaniif galateeffataniiru.

Gamtaan Afrikaa yeroo itti aanu mootummaa fi ummata Ityoophiyaa cinaa kan dhaabbatu ta’uu ibsa isaan eereera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo

https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment