Finfinnee, Bitootessa 15, 2014 (FBC) – Xaaliyaaniitti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Dammituu Hambisan Xaaliyaaniitti Preezdaantii naannoo Loombaardiyaa Atiiliyoo Foontaanaa waliin damee Invastimantii, Tuurizimii fi Daldalaarratti haala waliin hojjechuun danda’amurratti mari’achuu ibsan.
Marichaan Ambaasaaddar Dammituun haala yeroo Ityoophiyaa rratti ibsa taasisniiru.
Filannoowwan invastimantii bal’aan jiraachuus kaasaniiru.
Abbootiin qabeenyaa naannoo Loombaardiyaa Ityoophiyaatti damee invastimantiirratti akka hirmaataniif Preezdaantichi deggarsa akka taasisan gaafataniiru.
Preezdaantii naannoo Loombaardiyaa Atiiliyoo Foontaanaa gamasaaniin abbootiin qabeenyaa xaaliyaanii Ityoophiyaatti hojiilee invastimantiirratti akka hirmaataniif kan jajjabeessan ta’uu ibsaniiru.
Qaamoleen lameen dhimmoota waliin hojjechuu danda’anirratti waliigaluu ragaan Roomitti Imbaasii Ityoophiyaarraa argame ni mul’isa.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.