Preezdaantii Buurkinafaasoo duraanii Kompooreetti hidhaan umurii guutuu murtaa’e

Finfinnee, Bitootessa 28, 2014 (FBC) – Ajjeechaa Toomaas Sankaaraan walqabatee himatamanii kan turan Preezdaantii Buurkinafaasoo duraanii Biileez Kompooreetti hidhaan umurii guutuu murtaa’e.

Ajjeechaa Toomaas Sankaaraarratti Onkoloolessa 15, 1987 raawwate qulqulleeffachuuf qorannoo baatiiwwan 6 booda manni murtii Ogoodooguun Biileez Kompooree irratti murtoo dabarseera.

Preezdaant Biileez Kompooree dabalatee gargaartonni isaanii Giilbart Daayndariree fi Kaafaanoo Haaysiintoon hidhaa umurii guutuun akka adabaman manni murtichaa murtoo dabarseera.

Hogganaan sosochii Paan Afrikaaniizimii Toomaas Saankaraan haleellaa irratti fudhatameen bara faranjootaa 1987 ajjeefamuu gabaasaaleen Aljeezraa fi CGTN yaadachiisaniiru.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment