Preezdaanti Siiriil Raamaafoosaan akkaataa ilaalcha sanyummaa ittisuun danda’amurratti mari’achuuf waamicha dhiyeessan

Finfinnee, Caamsaa 16, 2014 (FBC) – Preezdaantiin Afrikaa Kibbaa Siiriil Raamaafoosaan dhiibbaa sanyummaa hambisuun kan danda’amu ilaalcha namaa ijijjiiruun qofa osoo hin taane garaagarummaa jireenya guraachaa fi adii gidduu jiru dhiphisuun yoo danda’ameedha jedhan.
Yuunvarsiistii Afrikaa Kibbaa Isteelan Boosh keessatti barataan bifaan adii tokko dabtara barataa bifaan gurraachaa tokkorratti fincaa’uu hordofee biyyattiitti walitti bu’iinsi ka’uu ibsameera.
Preezdaanti Raamaafoosaan sanyummaa dhabamsiisuun kan danda’amu haqummaa fi iftoominaan mari’achuun murteessaa ta’uu dhimmicha ilaalchisee ibsa miidiyaaleef laataniin himaniiru.
Barattoonni waldanda’uu fi sabdaneessummaa akka kabajan hojiin hubannoo fi ilaalcha jijjiiruu xiyyeeffannoo argachuu akka qabu hubachiisaniiru.
Gamtaan Barattootaa Afrikaa Kibbaa haleellaa sanyummaa barataarra ga’e kana miidiyaalee hawaasummaan tamsaasuu isaa hordofee haallichi dheekkamsa kaasuun suuta suuta gara mormii barattootaatti jijjiiramuu ibsameera.
Gamtichi haleellaa sanyummaa akka kanaa cimsee kan balaaleffatu ta’uu ibsuu CGTN gabaaseera.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment