Preezdaanti Saahiwarq mirgi lammiilee Ityoophiyaa akka kabajamu Preezdaantii Libaanoosiif ergaa dabarsan

Finfinnee, Fulbaana 13, 2013 (FBC) – Preezdaantiin FDRI Saahilawarq Zawdeen mirgi lammiilee Ityoophiyaa Libaanoos jiraatanii akka kabajamu Preezdaantii Libaanoos Maayikil Ooniif ergaa dabarsan.
 
Waajjirra Qoonsilaa Jeneraala FDRI Beeruutiitti jeneraalli Qoonsilaa Tamasgeen Umar Ministeera Dhimma Alaa Libaanoosiitti qaamaan argamuun ergicha laataniiru.
 
Preezdaanti Saahilawarqi ergaa isaaniin mindaan hojii isaanii akka kaffalamuu fi mirgi isaanii kabajamuu akka qabu hubachiisaniiru.
 
Ityoophiyaanoota eeyyama jireenyaa, paaspoortii yookaa sanada imala hin qabne, gara biyyaa deebi’uu barbaadaniif Viizaan ba’umsaa ariitiin akka qophaa’u gaafataniiru.
 
Adeemsi kenniinsa ba’umsa Viizaa laachuu daraan harkifataa waan ta’eef fooyya’uu akka qabu hubachiisaniiru.
 
Obbo Tamasgeen dhimmicha ilaalchisee aanga’aa olaaanaa ambaasaaddara Ministeera Dhimma Alaa Libaanoosii fi waamamaa koree dhaabbii dhimma alaa kan ta’niif ibsa laataniiru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Comments (0)
Add Comment