Preezdaanti Saahilawarqi Zawdee Afrikaadhaaf sirna odeeffannoo ammayyaa’oo hanga ammaa turerraa adda kan ta’e ni barbaachisa jedhan

Finfinnee, Onkololeessa 3, 2013 (FBC) – Preezdaanti Saahilawarqi Zawdee Afrikaadhaaf sirna odeeffannoo ammayyaa’oo hanga ammaa turerraa adda kan ta’e ni barbaachisa jedhaniiru.

Istaatistiksiin Afrikaa 7ffaa tumsa Komishinii Diinagdee Afrikaan har’a dabalatee guyyaa sadiif kan turu mariin kabajamuu eegaleera.

Marichaan sirna Istaatistiksii Biyyaalessaa Afrikaa waggoota kudhanii dhiibbaa weerara addunyaarra baasuun danda’uurratti gaggeeffama jira.

Preezdaanti Saahilawarqi marichaan ardii Afrikaatti qajeelfamni sirna odeeffannoo ammayyaa’oon diriirfamuu qaba jedhaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Comments (0)
Add Comment