Preezdaanti Saahilawarq Zawdee Frewaynii Mabiraahtuun simachuun mari’atan

Finfinnee, Muddee 15, 2012 (FBC) – Preezdaanti Saahilawarq Zawdee badhaasa “ Gootummaa” bara Faranjoota 2019 CNN injifatte Frewaynii Mabiraahtuu simachuun mari’ataniiru.

Preezdaanti Saahilawarq Zawdee  Frewaynii Mabiraahtuu badhaasa “ Gootummaa” bara Faranjoota 2019 CNN injifachuu gammachuu qabaan ibsaniiru.

Frewaynii Mabiraahtuu simannaa Preezdaanti Saahilawarq taasisaniifi gammachuu itti dhaga’ame ibsiteetti.

Frewaynii Mabiraahtuu namoota 10 waliin wal dorgomuun badhaasa “ Gootummaa” bara Faranjoota 2019 CNN injifachuu dandeessetti.

Frewayniin biyya Ameerikaatti barnoota ishee Keemikaala Injinariingiin hordofaa kan jirtu yoo taatu, deebi’e hojiirra kan oolaan qulqullina dubartoota kan eegu dizaaynii kan gootee fi kan uumteedha.

Dhaabbata Oomisha qulqulina eegu Maariyaam Saabaa jedhamu kan oomishu Maqaleetti kan hundeesse Frewaynii Mabiraahtuu yoo ta’u, hojii ishee kanaani badhaasa “ Gootummaa” bara Faranjoota 2019 CNN injifachuu kan dandeesse.

Frewaynii Mabiraahtuu dhaabbatichi dubartoonni diinagdeen mataa isaanii akka danda’aniif ni gargaara yoo jedhan, hojjettoota dubaraaf leenjii bilisaa, leenjii teekiniikaa fi kaffaltii fi carra biroon fayyadamoodha jedhan.

Dhaabbaticha kan oomishaaman %80 dubartootaaf bilisa kan rabsaan dhaabbilee miti mootummaatti akka gurguramu himaniiru jechuun Raahwaa Mabiraahtuutu gabaase.

 

Comments (0)
Add Comment