Preezdaant Saahilawarq, Anjaliinaa Joolii waliin mari’atan

Finfinnee, Muddee 21, 2012 (FBC) – Preezdaantiin FDRI Saahilawarq Zawdeen hojii tola ooltummaa fi fiilmii hojjechuun kan beekamtu Anjaliinaa Joolii waliin mari’atan.

Preezdaant Saahilawarq masaraa mootummaa biyyaalessaatti Anjaliinaa Joolii simachuun dhimmoota misoomaa, baqattootaa fi shamarranii irratti yaada waljijjiiraniiru.

Preezdaant Saahilawarq daawwannaan Anjaliinaa Joolii waqtii Ityoophiyaan jijjiiramarra jirtuu fi dhimmoota dubartootaa dabalatee, dameen hundi wayita boqonnaa haaraan banametti ta’uu himaniiru.

Anjaliinaa Jooliin gama isheetin gara Ityoophiyaa kanan dhufe daa’immanii fi dubartoota akkasumas carraa fayyaarratti hojjechuu dandeessisu adda baasufi jetteetti.

Anjaliinaa Joolii waliin lammii Ityoophiyaa kan taate Zahaaraa dabalatee ijoolleen ishee waliin akka dhufan ragaan Waajjira Preezdaantitii arganne ni muldhisa.

 

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment