Preezdaanti Saahilawarq Taanzaaniyaa galan

Finfinnee, Amajjii 17, 2013 (FBC) – Preezdaantiin FDRI Saahilawarq Zawdeen daawwannaa hojiif Taanzaaniyaa galaniiru.
Preezdaant Saahilawarq wayita Taanzaaniyaa ga’an Preezdaantiin Taanzaaniyaa Jooseef Maagfuuliin simannaa taasiisaniifiru.
Preezdaantiin FDRI Saahilawarq Zawdeen Preezdaant Jooseef Maagfuuliif uffata aadaa Ityoophiyaa kennaan gumaachaniiru.
Turtii Taanzaaniyaatti taasiisaniin Komishinii Naayil Beeziin hundeessuuf Preezdaant Jooseef Maagfuulii waliin marii ni taasiisu jedhamee eeggama.
Biyyoota yaa’a laga Abbaayyaa keessaa Taanzaaniyaan waliigaltee tumsa bishaan abbayyaa waliin fayyadamu biyya dursitee mallatteessite ta’uun ishee ni yaadatama.
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna!
Comments (0)
Add Comment