Preezdaanti Isaayyas Afawarqii proojaktii Shaggar daawwatan

Finfinnee, Muddee 15, 2012 (FBC) – Preezdaanti Isaayyas Afawarqii Muummee Ministiraa Dooktar Abiy Ahimad waliin piroojaktii misooma Inxooxxoo fi naannooshee daawwataniiru.

Daawwannaa hojiif har’a ganama Finfinnee kan galan Preezdaanti Isaayyas Afawarqii Muummee Ministiraa Dooktar Abiy Ahimad waliin piroojaktii misooma Inxooxxoo fi naannooshee daawwataniiru

Dabalataan qaama piroojaktichaa kan ta’e daandii fi bu’uraalee misooma kanneen biroo jila isaanii waliin daawwataniiru.

Muummen Ministiraa Dooktar Abiy Ahimad gara aangootti erga  dhufanii hariiroon Ityoophiyaa fi Eertiraa gidduu barootaaf adda cite haareffamuun isaa ni yaadatama.

Muummen Ministiraa Dooktar Abiy Ahimad baatii Adoolessa, 2011 gara Asmaraa imaluun hariiroon biyyoota lameen giduu jiru akka fooyya’uuf waliigaltee mallatteessuun isaanii ni yaadatama.

Hoggantoonni lameen dhimmoota hariiroo biyyootaa cimsuurratti har’a ganama mari’achuun isaani ni yaadatama.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment