Preezdaanti Isaayyas Afawarqii Finfinnee galan

Finfinnee, Muddee 15, 2012 (FBC) – Preezdaantiin Eertiraa Isaayyas Afawarqii daawwannaa hojiif har’a Finfinnee galaniiru.

Preezdaanti Isaayyas waliin Ministirri Ministira Dhimma Alaa biyyatti Oosmaan Saaleeh fi gorsaan Preezdaantichaa Yemaanee Gabra’ab daawwanichaaf finfinnee galaniiru

Preezdaanti Isaayyas buufata Xiyyaaraa idila addunyaa Boolee yoo ga’an muummee ministira Dooktar Abiy Ahimad dabalatee anga’ootni olaanoo mootummaa simataniiru.

Preezdaanti Isaayyas Afawarqii hariiroon biyyoota lameenii waggoota 20 oliif adda citee ture erga haareessaani booddee yeroo garagaraatti Ityoophiyaa daawwataniiru.

Kaayyoon daawwannaa kana inni guddaan hariiroo ummataa Ityoophiyaa fi Eertiraa giddu jiru caalumatti cimsuu irratti kan xiyyeeffatedha jechuun Laaykuun Alamtu gabaase.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment