Preezdaant Zeelaansikii mariiwwan Raashiyaa waliin taasifamuu itti fufuu ibsan

Finfinnee, Bitootessa 14, 2014 (FBC) – Waraanaa Raashiyaa fi Yuukreenin gaggeeffamaa jiru dhaabuu mariiwwan Raashiyaa waliin sadarkaan taasifamaa jiran akka itti fufaan Preezdaantii Yuukreen Vooldaamiir Zeelaansikii ibsaniiru.

Preezdaantiichi fuula Teeleegraamaa isaaniirratti viidiyoo gadi lakkisaniin biyyoota laman giddutti waraanaa, marii nageenyaa fi waraanicha hordofee buqqaatii dhufee hordofee ibsa laataniiru.

Waraanichi lammiilee kumaatamatti lakka’amaan du’aatii fi baqattummaaf kan isaan saaxilee ta’u kaasaniiru.

Kana dhaabuufis mariin Raashiyaa waliin taasifamuu rakkisaa fi cimaa ta’uus yeroodha gara yerootti fooyya’insa agarsisaa jiraachuu preezdaantichi himaniiru.

Biyyatti gara nageenyaatti deebisuun hedduu rakkisaa fi qormaataa ta’uus bakka buutoonni Yuukreen mariin nageenyaa bu’a qabeessaa akka ta’uuf gama isaanii tattaaffii taasisaa jiraachuu kaasaniiru.

Maddi:-Anaadool

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment