Preezdaant Vilaadmiir Putiin biyya waraana Raashiyaa fi Yuukreen gidduu seenturratti  tarkaanfii kan fudhatan ta’uu akeekkachiisan

Finfinnee, Eebila 20, 2014 (FBC) – Raashiyaan biyya waraana Raashiyaa fi Yuukreen gidduu seenturratti tarkaanfii kan fudhattu ta’uu Preezdaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Putiin akeekkachiisaniiru.

Humnoonni alaa waraana Raashiyaa fi Yuukreen gidduu kan seenan yoo ta’e biyyisaanii meeshaalee waraanaa ammayyaa fayyadamuun deebii hatattamaa kan laattu ta’uu preezdaantichi marii paarlaamaa biyyattii waliin taasisan irratti ibsaniiru.

Anga’oonni Raashiyaas qophii deebii hatattamaa kennuu isaan dandeessisu taasisuu ibsaniiru.

Guyyaa waraanni Raashiyaa fi Yuukreen eegale irraa kaasee biyyoonni lixaa meeshaalee waraanaa farra taankii fi farra xiyyaaraa Yuukreeniif kennaa turaniiru.

Raashiyaan gama isheen deeggarsi meeshaalee waraanaa Yuukreeniif taasifamu waraanicha daraan kan hammeessu ta’uu ibsaa turteerti.

NATOn Yuukreeniif meeshaa waraanaa dhiyeessuun harka lafa jalaan Raashiyaa waraanaa jiraachuu Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Raashiyaa Sargeey Laavroov ibsaniiru.

Torban darbe keessa Mooskoon yaalii Misaa’ela baalastikaa ardii qaxxaamuru “RS-28” milkaa’inaan  gaggeessuu fi kutaa waraanaa misaa’ilicha hidhate bobbaasuuf ta’uu beeksistee turte.

Ameerikaa fi biyyoonni miseensa NATO ta’an gosa misaa’ela Hayparsoonik kamiyyuu hidhatanii kan hin jirre ta’uu RTn gabaaseera.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment