Preezdaant Traamp hojjettoota ragaa isaanirratti ba’an muudamarraa kaasan

Finfinnee, Amajjii 30, 2012 (FBC) – Preezdaantiin Ameerikaa Doonaald Traamp hojjettoota ragaa isaanirratti ba’an lama muudamarraa kaasan.
 
Traamp aangorraa akka kaafaman himannaan akka irratti banamu ragaa ba’uu isaanitiini hojiirraa kan ari’aman.
 
Gamtaa Awrooppaatti ergamaan addaa Ameerikaa Goordan Soondlaandii fi Yuukreenitti ogeessi Ameerikaa Leetanaal Koloneel Aleeksaandar Viindimaan hojiirraa hir’ifamuun itti himameera.
 
Preezdaantichi Roobii darbe himannaan irraa ka’uun ega ibsameen booda, hoggansa isaanii irra deebiin ramaduuf hojjechaa jiru.
 
Seeneetiin Ameerikaa preezdaantii biyyattii 45ffaan himatamanii aangorraa akka hin kaafamne ega murteessen booda, Traampitti onnee caalmaa horataniiru.
 
Obboleessi lakkuu Leetanaal Koloneel Aleeksaandar Viindimaan, Yeevganii Viindimaan hojjetaa olaanaa Mana Maree Nageenya Biyyoolessaa ture. Jimaata darbe garuu kaafamuun gara Raayyaatti ergameera.
 
Maddi; BBC
Comments (0)
Add Comment