Preezdaant Siiriil Raamaafoosaan Joo Baayden waliin mari’atan

Finfinnee, Sadaasa 9, 2013 (FBC) – Preezdaantiin Afrikaa Kibbaa Siiriil Raamaafoosaan Preezdaantii Ameerikaa haaraa filataman Joo Baayden waliin bilbilaan mari’atan.
Dura taa’aan gamtaa Afrikaa yeroo fi Preezdaantiin Afrikaa Kibbaa Siiriil Raamaafoosaan Preezdaantii Ameerikaa haaraa filataman Joo Baayden waliin haala hariiroo Afrikaa fi Ameerikaa cimsuun danda’amurratti mari’ataniiru.
Haala weerara vaayrasii koroonaa ittisuun danda’amurrattis mari’achuu isaanii ragaan Waajjira Preezdaant Siiriil Raamaafoosaa argame ni agarsiisa.
Hariiroon Afrikaa fi Ameerikaa caalmaatti akka gudditu abdii qabaachuu isaanii Preezdaant Siiriil Raamaafoosaan ibsaniiru.
Joo Baaydenii fi itti aantuun isaanii Kaamaalaa Hariis hariiroo Afrikaa idil addunyaa keessatti ga’ee olaanaa qabaachuu dubbataniiru.
Hoggantoonni Afrikaa hedduun Joo Baayden Preezdaantii Ameerikaa ta’uun filatamuu isaaniif ergaa baga gammaddanii darbarsaniiru.
Maddi:-BBC
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Comments (0)
Add Comment