Preezdaant Shimallisa Abdiisaan tajaajila lammummaaf waamicha dhiyeessan

Finfinnee, Waxabajjii 5, 2012 (FBC) – Preezdaantiin mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan waamicha hojii tajaajila lammummaa dabarsan.
 
Ergaa guutuun haala armaan gadiin dhiyaatera.
Kabajamaa ummata Naannoo Keenyaa,
Kabajamtoota Dargaggootaafi Dubatoota Oromiyaa,
Humnoota Misoomaa Hundi Keessan,
Duraan dursee waamicha hojii tajaajila lammummaa naannoo Oromiyaa bara kanaa, ergaa ijoo “Ani Lammiikoof” jedhuun hojjetamu sababeeffadhee ergaa dabarsuuf ga’uu kootiin gammachuu guddaan kan natti dhaga’ame ta’uu ibsuun fedha.
 
Hojiin tajaajila lammummaa dhuka hojii ijaarsa Oromiyaati.
 
Dhaloonni har’aa Oromiyaa ijaaruuf ergama fudhanne kun warra abbaa carraati.
 
Duudhaa Orom-ganamaatti deebinee, humna keenya gurmeessinee, kan dadhabe deeggarree, kan rakkateef dirmannee, hirkoofi dagalee waliif ta’uuf kan qophoofne dhaloonni har’aa, carraa kanaan baga gammanne jechuun fedha.
 
Dhaloonni har’aa kun karoorsinee hojjenna malee, qisaasessinee hin gaabbinu; Hojjennee mul’isna malee, teenyee hin qeeqnu; humnaafi qabeenya qabnuun hirmaannee har’a keenya miidhagaa taasifna malee, badiifi miidhama kaleessaa lakkaa’uun gadadoo keessa hin jiraannu jedhee kan murteessee dha.
Murtiin kun tarkaanfii guddaa dha.
 
Kaleessarraa barachuuf yoo ta’e malee kaleessa jiraachuun hin dandaa’amu. Har’a hojjechuun egeree miidhagaa uummachuu; Oromiyaa badhaateefi jireenya ijoolleesheetiif mijooftuu taate uummachuufii dha.
 
Waamichi tajaajila lammummaa kun ergama dhalootaafi bu’uura Oromummaarratti kan hundaa’ee dha.
 
Kaayyoowwan duudhaa Orom-ganamaa hojii qabatamaa waliin wal simsiisuun badhaadhina rog-daneessa mirkaneessuu, dhaloota gahumsa qabu ijaaruudhaan ergama addaatiif qopheessuu, humnaafi beekumsa qabnu qindeessuudhaan hojjennee injifachuufi aadaa hojii keenya fooy’essuufi guddisuudhaan dorgomaa taanee argamuu of keessatti kan hammatee dha.
 
Kabajamaa ummata naannoo keenyaa,
Hojii tajaajila lammummaa bu’uura ijaarsa Oromiyaa bara kanaatiin dhimmoota gurguddaa shanirratti kan fuulleffannu ta’uu wayitan ibsu gammachuu guddaa walinidha.
 
Akka dhaloota yaboo yaadatuufi imaanaa abboottan kaleessaa raawwatuutti, qabeenya uumamaa manca’e deebisnee misoomsuufi waamicha ashaaraa magariisaa ministira muummee Dr Abiyyi Ahimad milkeessuudhaaf qophoofnee kaaneerra.
 
Bara kana qofa biqiltuu biliyoona 3.5 dhaabuudhaan, akka dhala keenyaatti kunuunsinee guddisuuf honnanneerra.
 
Hojii seenaa qabeessa kanaan duudhaa ummatummaa keenya hojii qabatamaadhaan caalmaatti addunyaatti akka agarsiifnuufi maqaa gaarii akka bitannu amantaa guutuun qaba.
 
Ergamni lammaffaan hojii tajaajila lammummaa bara kanaa ammoo manneen barumsaa sadarkaa tokkoffaa Kuma 10 akka naannoo Oromiyaatti qabnu keessatti humnaafi qabeenya keenyaan yoo xiqaate mana barnootaa tokko keessatti daree barnootaa dabalataa sadii walumaa galatti dareewwan dabalataa 30,000 ijaaruu dha.
 
Dareen barnootaa dabalataa har’a ijaarru kun gola beekumsiifi dandeettiin itti horatamuu dha.
 
Dhaloota har’a beekumsaan ijaarrutu egeree Oromiyaafi biyyaa ijaara.
 
“Harki dabaree wal dhiqa!” akka jedhamu sana, dhaloota har’a ijaarru kanatu deebi’ee nu tajaajila.
Akkasiin Oromiyaafi Itoophiyaa dhaloonni hundi bareechatee, nafeeffatee, itti jiraatu uumna.
 
Kanuma faana, dhaloota dandeettii dubbisaa argateefi fedhii beekumsa dabalataa horate uumuuf, ijaarsa manneen kitaabaatiif xiyyeeffannoo addaa kennuudhaan ni hojjetama.
 
Carraa kanaan bara kanatti hojii tajaajila lammummaa hojjennu keessatti manneen kitaabaa 500 ol ijaaruudhaan gola dhaloonni itti qaramu uumuurratti ni duulla.
 
Akkuma irra deddeebinee dubbannu, yeroo faana tarkaanfachuuf hojii gaarii kaleessa raawwanne qofa alalfannee jiraachuun ga’aa miti.
 
Bara darbe harka qalleeyyii hedduu gargaarreerra; mana jireenyaa itti ijaarreerra.
 
Maanguddootaaf dirmannee, humna keenyaan bira dhaabbanneerra.
 
Qaama miidhamtoota ijaaruuf hojii boonsaa hojjenneerra.
 
Ammas hanga hiyyummaafi boodatti hafummaa injifannuufi badhaadhina mirkaneeffannutti hojjechuu qabna.
 
Duudhaa wal-gargaarsaa qabnu caalmaatti guddisuudhaan, harka qalleeyyii, qaama miidhamtoota, maanguddootaafi kanneen balaa adda addaatiin miidhamaniif dirmachuun ergama sadaffaa hojii tajaajila lammummaa bara kanaati.
 
Afraffaarratti, arjooma namoomaa eegalle ni qabna.
 
Lubbuu baraaruuf dhiiga arjoomuutti jirra.
Nutti hir’atee kan nu hin miine, lubbuu oolchee gammachuu sammuu guddaa kan nuuf dabalu, arjoomni dhiigaa cimee akka itti fufuuf carraa kanaan waamicha dabarsuun fedha.
 
Kanuma faana, gorsa ogeeyyii fayyaafi qajeelfama akka mootummaatti yeroo gara yerootti darbu hordofuudhaan dhibee Koronaa (COVID-19) to’achuuf tattaaffiin taasifnu dagannaa tokko malee akka itti fufu dabalee yaadachiisuun fedha.
 
Xumurarratti, baadiyyaatti rooba gannaa kanatti fayyadamnee hojii qonnaa hojjennu cimsaa, bishaan cimmisuudhaan waqtii bonaa itti yaa fayyadamnu! Bu’uuraalee misooma baadiyyaa suphuudhaan dinagdee keenya yaa tumsinu! Magaalota keenya keessattis, hojii duula qulqullinaafi magariisummaa magaalaa saffisiisuu, manneen kitaabaa gurmeessuun aadaa dubbisaa cimsuu, ittisa dhibee koronaarratti dargaggoota leenjisuudhaan bobbaasuu, hojii qonna magaalaa finiinsuufi sochiin dinagdee roga hundaa akka hin qorrinetti hordoffii barbaachisu taasisuurratti akka bobbaanu ibsaa, sosochiin kenna tajaajilaa naannoo Oromiyaa ganna kanaa har’a ifaan eegalamuusaa ibsuun barbaada.
 
Tajaajila lammummaatiin Oromiyaaf Ni Ijaarra!
Shimallis Abdiisaa
Preezdaantii Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa
Waxabajjii, 2012
Finfinnee
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment