Preezdaant Shimallis hoggantoota warshaalee Simmintoo naannicha keessatti argamanii waliin mari’atan

Finfinnee, Caamsaa 3, 2014 (FBC) – Preezdaantiin Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan hoggantoota warshaalee Simmintoo naannicha keessatti argamanii waliin mari’ataniiru.
Marii kanarratti Itti aanaan Preezdaantii Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Awwaluu Abdii fi Ministirri Ministeera Albuudaa Injiiar Taakkalaa Uumaan argamuu ibsameera.
Haala nageenya naannawaa warshaaleen kunneen itti argamanii fi galteewwan dhiyeessii ilaalchisee marii taasiisuu Injiinar Taakkalaan Fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin himaniiru.
Dargaggoota warshaalee kanneen waliin walitti hidhuun carraa hojii uumuun haala danda’amurrattis mari’atamuu eeraniiru.
Dargaggoota warshaalee kanneen keessatti hirmaachisuun fayyadummaa hawaasaa mirkanneessuu cinaatti miirri kiyyummaa akka uumamuu fi rakkoo nageenyaa warshaalee kanneen muudatu furuuf ga’ee olaanaa qabaachuu ibsameera.
Rakkoo sirna gabaa oomisha Simmintoorratti muul’atu furuuf waloon hojjechuuf waliigalamuu Injiinar Taakkalaan himaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment