Finfinnee, Sadaasa 15, 2013 (FBC)- Preezdaantiin Ityoophiyaa Saahilawarq Zawdee hundeeffama hariiroo dippiloomaasii Ityoophiyaa fi Chaayinaa waggaa 50 sababeeffachuun preezdaantii Chaayinaa Shii Jiinpiing ergaa baga geessaanii wal jijjiiraniiru.
Preezdaantii Saahilawarq waggoottan 50 darbanitti Ityoophiyaa fi Chaayinaan hariiroo cimaa qabachuusaanii ibsuun, amanammummaa siyaasaa waliinii fi tumsaa bu’aa qabu umuusaaniis ibsaniiru.
Hariiroochi tumsa hunda galeessaa taasisuun hariiroo biyyoota lamanii caalmaan guddisuu fi faayidaan ummaattoota biyyoota lamaanii damee hundaan akka umamuuf daandii banuusaa preezdaanttittiin ibsaniiru.
Preezdaantii Saahilawarq Zawdee preezdaantii Chaayinaa waliin turtii taasisaniin hariiroo biyyoota lamaanii calmaan cimsuuf akka hojjetan ibsaniiru.
Preezdaantiin Chaayinaa Shii Jiinpiing gama isaaniitin, hariiroo biyyoota lamaanii baroota dheeraa kan lakkoofsise ta’uu ibsuun ammaas caalmaan akka itti fufu himaniiru.