Preezdaant Saahilawarqi gita isaanii Istooniyaa waliin mari’atan

Finfinnee, Eebila 9, 2012 (FBC) – Preezdaantiin FDRI Saahilawarqi Zawdee haala weerara vaayrasii koroonaa ittisuun danda’amurratti Preezdaantii Istooniyaa Kiristii Kaaljuuleeyid waliin mari’atan.
 
Weeraricha ittisuu fi miidhaa ga’u hir’isuuf haala waliin hojjechuun danda’amuratti mari’ataniiru.
 
Preezdaant Saahilawarqi, tarkaanfii fudhatamaa jiru ibsuun, weeraricha ittisuuf teeknooloojii diijitaalaa fayyadamuuf hojiin eegalamuu isaa gita isaaniif himaniiru.
 
Istooniyaan weeraricha qolachuuf muuxxannoo qabdu Ityoophiyaaf akka qooddu gaafataniiru.
 
Preezdaantiin Istooniyaa Kiristii Kaaljuuleeyid gama isaaniin weerara vaayrasichaa to’achuu fi ittisuuf tattaaffii Ityoophiyaan taasisaa jirtu dinqisiifataniiru.
 
Preezdaant Kiristii weeraricha ittisuu fi to’chuuf tarkaanfii biyya isaanii fi idila addunyaatti fudhatamaa jiru ilaalchisuun ibsa laachuu isaanii ragaan Waajjira Preezdaantii FDRI irraa argame ni muul’isa.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment