Preezdaant Saahilawarqi dabalatee hoggantoonni biyyoota Afrikaa Dooktar Teediroos cinaa kan dhaabbatan ta’uu ibsan

Finfinnee, Eebila 1, 2012 (FBC) – Preezdaant Saahilawarqi dabalatee hoggantoonni biyyoota Afrikaa Dooktar Teediroos cinaa kan dhaabbatan ta’uu ibsan.
 
Weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa hojii gaarii hojjetaa hin jiru jechuun mootumaan Ameerikaa fi qaamooleen biroo dhaabbatichaa fi Dooktar Teediroos irratti dhiibbaa geessisuuf yaalaa jiru.
 
Duula gaggeeffamaa jiru kana Gamtaan Afrikaa fi hoggantoonni biyyoota Afrikaa mormaa jiraachuu himeera.
 
Preezdaantiin FDRI Saahilawarqi Zawdee yeroo ammaa addunyaarratti lubbuu namoota baraaruuf hojiin hojjetamu dursa argachuu qaba jedhan Fuula Twiitarii isaaniin.
 
Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa Dooktar Teediroos Adhaanoomin durfamu yeroo rakkisaa kanaatti itti gaafatamummaa irraa eeggamu ga’umsaan ba’aa jiraachuu ibsaniiru.
 
Yeroon kun yeroo itti walqeeqan osoo hin taane yeroo tokkummaan waliin hojjechuun barbaachisuudha jedhan Preezdaant Saahilawarqi.
 
Dura taa’aan gamtaa Afrikaa fi Preezdaantiin Afrikaa Kibbaa Siriil Raamaafoosaamis Dhaabbata Fayyaa Addunyaa fi Dooktar Teediroos cinaa kan dhaabbatan ta’uu ibsaniiru.
 
Dhaabbatichi hoggansa Dooktar Teediroosin weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf hojii ajaa’ibsiisaa hojjechaa jira jedhan.
 
Hojiin Dooktar Teediroos Adhaanoom hojjechaa jiran haala kamiinuu kan qeeqqamuu miti jedhan Preezdaant Siriil Raamaafoosaam Fuula Twiitarii isaaniin.
 
Gamtaan Afrikaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa fi Dooktar Teediroos Adhaanoom waan danda’u hundaan cinaa kan dhaabbatu ta’uu ibsaniiru.
 
Koomishinarri Koomishinii gamtaa Afrikaa Muusaa Faakiinis duulli Dhaabbata Fayyaa Addunyaa fi daayreektara olaanaarratti baname waan nama ajaa’ibsiisuudha jedhan Fuula Twiitarii isaaniin.
 
Gamtaan Afrikaa dhaabbatichaa fi Dooktar Teediroos Adhaanoom kan deeggaru ta’uu ibsaniiru.
 
Preezdaatiin Ruwaandaa Pool Kaagaameenis yaada dura taa’aa gamtaa Afrikaa kan deeggaran ta’uu ibsaniiru.
 
Mootummaan Naajeeriyaas deeggarsa isaa ibsuun, Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf hojii hojjetaa jiru galateeffateera.
 
Siifan Magarsaatiin
Comments (0)
Add Comment