Preezdaant Saahilawarq Zawdeen yaa’ii bishaan addunyaarratti hirmaachuuf Seenegaal galan

Finfinnee, Bitootessa 11, 2014 (FBC)- Preezdaantiin FDRI Saahilawarq Zawdeen yaa’ii bishaan addunyaa 9ffaarratti hirmaachuuf Seenegaal galan.

Jilli Preezdaant Saahilawarqiin durfamu yaa’ii bishaan addunyaa 9ffaarratti hirmaachuuf Seeneegaal magaalaa Daakaar galeera.

Fooramiin bishaan idil addunyaa waggaa sadi sadiin kan gaggeeffamu ta’uu fi rakkoolee gama tajaajila bishaan qulqulluu jiru furuuf kan dandeessisu ta’uu ibsameera.

Waltajjiin maree biyyoota sahaaraa gadiin yeroo jalqabaaf taa’amuuf jedhu kun bishaanota daandaa ce’an karaa nagaa fi waaraan haala itti fayyadamuun danda’amurrattii kan xiyyeeffate ta’uu ibsameera.

Waltajjichaan Preezdaant Saahilawarq haasaa ni taasisu jedhamee eegama.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment