Preezdaant Saahilawarq Zawdeen sagantaa Hidha Haaromsaatif galii walitti qabuu ergaa gabaabaa 8100A ifoomsan

Finfinnee, Gurraandhala 25, 2012 (FBC) -Preezdaant Saahilawarq Zawdeen sagantaa Hidha Haaromsaaf galii walitti qabuu ergaa gabaabaa 8100A ifoomsan.
 
Preezdaantiin FDRI Saahilawarq Zawdeen ummanni deeggarsaa fi tumsa hidhichaa akka cimsee itti fufu gaafataniiru.
 
Waajjirri Mana Maree Qindeessituu Hirmaannaa Ummataa Ijaarsa Hidha Haaromsaa Guddicha Ityoophiyaa milkaa’ina ijaarsa Hidha Haroomsaatif ummanni deeggarsasaa karaa ergaa gabaabaa 8100A akka itti fufu gaafateera.
 
Sagantaan ergaa gabaabichaan galii walitti qabuu har’a ifoome kun kan marsaa 3ffaati.
Sagantaa galii walitti qabuu ergaa gabaabaa 8100A tiin Birrii miliyoona 20.5 walitti qabuuf karoorfamuunis eerameera.
Deeggarsa ergaa gabaa 8100A marsaa jalqabaatin Birrii miiliyoonni 80, marsaa 2ftatin ammoo Birrii miiliyoonni 49.1 walitti qabameera.
 
Sirna galii walitti qabuu ifoomsuu kanarratti ministirri Ministeera Dhimma Alaa FDRI obbo Gadduu Aandaargaachaw, ministirri Ministeera Galiiwwanii aadde Adaanach Abeebee, bulchaan Baankii Biyyoolessaa Dooktar Yinnaagar Dasee, ministirri Ministeera Aadaa fi Tuuriizimii Dooktar Hiiruut Kaasaaw dabalatee dabalatee hoggansi biroon argamaniiru.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment