Preezdaant Saahilawarq Zawdeen hoggantoota biyyoota garaagaraa yaa’icharratti hirmaatan waliin mari’atan

Finfinnee, Amajjii 30, 2014 (FBC) – Preezdaant Saahilawarq Zawdeen hoggantoota biyyoota Afrikaa garaagaraa yaa’ii hoggantoota Gamtaa Afrikaa  35ffaarratti hirmaatan waliin mari’ataniiru.

Prezdaant Saahilawarq hoggantoota kanneen waliin marii gam-lamee taasisaniiru.

Preezdaant Saahilawarq Preezdaantii Keeniyaa Uhuuruu Keeniyaattaa, Preezdaantii Jibuutii Ismaa’eel Oomaar Geelee fi Preezdaantii Kootdiivaar Oolaasaan Ootaaraa waliin mari’achuu ibsameera.

Mariisaaniitiin dhimmoota hariiroo gam-lamee, naannawaa fi ardichaarratti mari’achuu eerameera.

Dabalataanis Preezdaant Saahilawarq Prezdaantii Baankii Afrikaa fi Ministiroota Ministera Dhimma Alaa Chaadii fi Aljeeriyaa waliin ajandaawwan garaagaraarratti mari’ataniiru.

Jila dubartootaa Ittaantuu Barreessituu Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Amiinaa Mahaaammadiin durfamu waliinis mari’achuu EBCn gabaaseera.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment