Preezdaant Saahilawarq Zawdeen daawwannaa hojiif Kootdiivoowar galan

Finfinnee, Muddee 7, 2014 (FBC)- Preezdaantiin FDRI Saahilawarq Zawdee daawwannaa hojiif Kootdivaariin galaniiru.

Prezdaantittiin magaalaa Kootdiivoowar Aniijaan wayita ga’aan Preezdaant Alasaanee Otaar simannaa taasisaniifiru.

Preezdaant Saahilawarq Zawdee turtii isaaniin hariiroo biyyoota lamaanii fi haala waqtaawaa Ityoophiyaarratti preezdaant Otaar waliin ni mari’atuun eegama.

Kootdiivoowar Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti miseensoota mana mana maree mirga namoomaa keessaa ishee tokko yoo taatuu tibba kana manni marichaa mirga namoomaa Ityoophiyaa keessaa jiruun walqabsiisee yaa’iin akka waamamuuf yaada dhiyeesseef sagalee hin laannee.

Akka EBC’n gabaaseetti Ityoophiyaan dhiibbaa biyyoota alaa irra ga’aa jiru dandamachuuf tumsa biyyoota Afrikaa wayita itti barbaadduutti preezdaantiitti gita isaanii waliin turtii taasisaniin dhugaa Ityoophiyaa lafarra jiru ni hubachiisuun eegama.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment